Designer of Africa Union FLAG & Writers of ANTHEM of African Union

Writers of ANTHEM of African Union & Designer of Africa Union FLAG they're From #Oromo They're Brilliant Ever Iconic for #Ethiopia & African Union 
Gumaacha #Oromoonni qaroo lamaan, alaabaa fi faaruu Gamtaa #Afrikaaf taasisan.

Namni alaabaa Gamtaa Afrikaa (AU) ammaa kana #dizaayinii godhe artistii dhalootaan Oromoo ta’e #Yadesa #Bojia dha. #Yaaddeessaan dorgommii idil-addunyaa bara 2009 keessa qophaa’ee fi namoota 116 hirmaachise keessaa dizaayinii isaa 1ffaa bahee filatame!

Inni alaabaa kana yoo bocu, fakkii kaartaa Afrikaa guddaa tokko gidduu galeessa godhatee, naannoo isaatti immoo urjiilee gaggaaboo 53 yeroo sanatti biyyoota miseensa Gamtichaa bakka bu’an itti naannesse! halluu magaariisa akka duubbeetti (background) fayyadamuun isaa immoo abdi fi badhaadhina lafa Afrikaa agarsiisa. Yaaddeessaan dizaayinii kanaan tokkummaa fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu Afrikaa bifa salphaa fi ifa ta’een agarsiisuu danda’eera.

Faaruu Gamtaa Afrikaa (Anthem of the African Union) immoo, og-walaleessaa beekamaa fi Looreetii Itoophiyaa #Tsegayee Gabre-Medhin-tu barreesse!

Tsegayeen walaloo kana kan barreesse bara 1986 keessa yoo ta’u, ergaan isaa sanyii-yeroo (racism) loluu, koloneeffannaa jalaa ba’uu fi seenaa gootummaa Afrikaa leellisuu irratti xiyyeeffata ture! walaloo isaa keessatti Afrikaa akka "haadha dhala namaa" fi "madda qaroomaa" gochuun kan ibse yoo ta’u, Afrikaanonni hundi harka wal qabatanii akka ka’an waamicha dabarsa! walaloon isaa kun dhuma bara 2002 keessa akka faaruu ragaa ta’uun Gamtaa Afrikaatiin fudhatameera.

Seenaa namoota qaroo kana lameenii waggoota lama dura barreesseen ture, kuni bal'inaan kan irra-deebi'amedha!

Comments

Popular posts from this blog

SHAME For Prosperity Party 😜 Kuno Jaarti nama Walin